Dheebu jaalala

Dheebu jaalala Hamma guyyaa har'aattis Waaqayyo na gargaarraan kunoo, jabaadhee dhaabadhee.
(1)

13/05/2025
Tilmaama  🏃🏃🏃Tapha carabao cup   Dilbata dhufu Tilmaama Badhaafama👇Hubachiisa:_page kana like,follow fi share yo hin goo...
22/02/2024

Tilmaama 🏃🏃🏃
Tapha carabao cup Dilbata dhufu Tilmaama Badhaafama👇
Hubachiisa:_page kana like,follow fi share yo hin goonee ulaaga badhaasicha hin guuttanne
✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅
👉Chelsea 🆚 Liverpool
⏰12:00
👉 badhaasuf qophii xumurree jirra..
1ffa kardii 50
2ffa kardii 25
3ffa kardii 15
✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅
Ulaaga Badhaasicha
👉page kana like,follow fi share yo hin goone hin badhaafamtu.
👉Yammu comment gootan page kana qofa irratti tahu qaba.hangaa taphni kun jalqaabu qofati tilmaamu dandeessu
edit gochuun hin danda,aamu ni hordofama.
Carraa gaarii 👏@

Jecha ofiif kennitu ilaalladhu! Ilaalcha ati ittiin of miite caalatti kan si miidhu hin jiru.Jireenya keetiif eeggannoo ...
22/02/2024

Jecha ofiif kennitu ilaalladhu!
Ilaalcha ati ittiin of miite caalatti kan si miidhu hin jiru.
Jireenya keetiif eeggannoo cimaa godhi!
Wantootatti of hin madaalin!
Jecha namaaf utuu hin ta’in hojii keetiif iddoo kenni!
Yeroo qabdu utuu hin dabarsin itti dhimma ba’i!
Milkaa’inni fagoo miti, dhiyoo dha.
Wanta dandeessu hojjechuuf of hin qabin!

❍ Waan hojjechuu dandeessu hojjechuuf gatii si baasisu sodaattee fiixaan ba’uumsa irraa duubatti hin deebi’in! Wanti gatii guddaa qabu tola hin argamu.

21/02/2024

Nama Si Gargaaru Dhabdus,Waaqa Si Gargaaru Qabdaa Gammadi‼️🙏✅️

"Nothing beats books for understanding the world" Rolf Dobellinama kanatu akkana jedha "Yeroo tokko yaalii wayiin geggee...
20/02/2024

"Nothing beats books for understanding the world" Rolf Dobelli
nama kanatu akkana jedha "Yeroo tokko yaalii wayiin geggeesse; oduu (News) dhaggeeffachuufi dubbisuun dhaabe. Raadiyoofi Teleevizhiinii koon cufe, barruulee oduu qofa qabatanii bahanin dubbisuu dhaabe! Torban jalqabaa ulfaataa ture. Waan tahe na jala darba jedheen sodaachaa ture. Waggoota sadii boddee garuu wantin argadhe yaadaa bilisaa, xiyyeeffannoo guddaa, sammuu murtee gaariifi yeroo bal'aadha. Wantin ani oduu irraa argadhu hanga nuusa kitaaba irraa argadhuu na hin fayyadne." jedhee Rolf Dobelli kitaaba isaa 'The art of thinking clearly' jedhu keessatti katabe. Yeroo oduu garagaraa dhagahaa oollu sammuun keenya odeeffannoo garagaraaf dub-deebii garagaraa kennuuf dhama'a. Oduulee dhaggeeffachaa ooluun sammuu keenya karaa sirrii hojjessiisuuf nu rakkisa. "As a result of news consumption, we walk around with a distorted mental map of the risks and threats we actually faces."

Dabalataan oduun baayyeen beekumsa hin ta'ani. Fakkeenyaaf, ji'oota darban oduulee baay'inaan 10,000 tahan dhaggeeffatteetta taha. Garuu isaan keessaa jireenya keetiif kan si gargaaran baay'ee muraasadha. "If news really helped people advance, journalists would be at the top of the income pyramid."

Dhumarratti yerookee oduufi odeeffannoo funaanutti hin dabarsin; read long articles and books! Kitaaba homtuu hin injifatu!
Join👇👇
✅ JOIN https://facebook.com/groups/639657420962096/

20/02/2024

Jaalachuun badii miti
Ati maaf na jibbita
Jibba osoo hin taane
Jaalalatu injifata

Foormulaan inni duraa
Argachuuf wanta feete
Jibba dhiisuudha ati
Jaalala filattee

Jaalala ibsuuf jedhee
Nan dhabe jecha anuu
Ilmi namaa hunduu
Mee wal haa jaalannu............😔.................

Share bot link
06/02/2024

Share bot link

Visit the post for more.

23/11/2023

Mararteedha!

Yeroon gamaa gamatti
Biiftuun hanga lixxutti
Kaleessaa hanga har’aatti
Dubbadhee hangan fixuutti

Mararteedha!

Innin sababa barbaadu
Gaaftin dubbiin si gaadu
Tibbin seeqa kee yaadu
Gurri hasaasa kee araadu,

Sitti fakkaate jibbamuu
Barbaadamaa gatamuu
Shakkiin gola kee guutee
Funyoon jaalalaa si huute,

Beellamaan na sarditee
Koloneeffatamuu hawwitee,
Akka taatuuf akki taate
Anaaf mararoo laate!

Godoon har’a nuuf gaaddisaa
Isa ati; citaa taatee ijaartedha!
Si jibbeera; sin jaaladhaan
Jibba miti mararteedha!🥰
dheebu jaalala

Address

West Wollega
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dheebu jaalala posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Dheebu jaalala:

Share

Category