Sikkoo mandoo

Sikkoo mandoo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Sikkoo mandoo, Antiques shop, Asella.

13/08/2022
31/07/2021
28/07/2021

Mangistuu H/Mariam Akkamitti biyaa Baafame❓
Bara 1981 biyya kana Keessatti Rakkoolee Heddutu ture. Humnoonni Riohee loltootaa Sadii(OLF, TPLF, EPLF) Lola Riphee Loltummaatiin Mootummaa Dargii yeroo sanaa Dadhabsiisaani turaan keessoon Waraanaa Mootummaa,Caasaalee Tikaa USA fi Kan Warra lixaatiin Dhuunfatamee ture. TPLF(Wayyaanee) fi EPLF(Shaabiyaan) Tooftaa Warra Lixaa (USA &EU) fayadamuudhaan Jeneraaloota fi Qondaaltoata waraanaa Mootummaa Darguu Qabaatan. Qondaaltonnii Waraana kun Yeroo waraanni Meeshaa gaafate, Nyaataa itti Eergu. Yeroo Waraanni nyaata Gaafate Meeshaa itti Eergu. Dirree lolaatti Ajaja sirrii hin dabarsaan. Yeroo tokko tokko immoo osoo Riphee loltoonni lolaa jiruunuu lola dhaabaa jedhanii Eergaa dabarsaa turan. Akkataa kanaan Dargiin ofiin of nyaatee of Kuffise.
➡️Kolonoole Mangistuun akkamitti Biyya bahee❓
Namoonni Hedduun Holola TPLF(Waayaanee) fi EPLF(Shaabiyaan) Mangeen Baqatee biyyaa bahe jedhuu odeessaan hanga har'aatti akka seenaatti asawuu. Dubbiin Garuu kana miti. Yoo ta'ee akkamire❓ Hooganaan Tikaa biyyooleessaa fi Nageenyaa Yeroo sanaa Obboo TasfaayeeW/Silaasee jedhamu. Obboo Tasfaayee si'aa Tokkotti Amanama Mootummaa Dargii fi Miseensa ture. Miseensummaa dhaabbata Basaasa Ameerikaa Kan fudhatee yeroo Barnoota isaa Digirii 2ffaa Yuuniversiitii tti baraachaa turedha.Obboo Tasfaayeen Odeeffannoo Biyyoolessaa Dabarsee Warraa Halaatiif kennaa. Mootummaa Dargiifis Amanamaa fakkaata ture. Dhuma irratti walgahii Londoon (london confreres) jedhamuu Londoniitti taa'ama. Walgahiicha irratti Qamoonni Hundinuu Waliigaltee Dhukaasa dhabuu fi Maarii siyaasaa Gochuu waliigalaan. bu'aa Walgahichaa kan ta'e Mootummaan Darguu yeroo sanaa Yeroo hojiitti hiikuu Humnoonni Riphee lolaa Waligaltees Mallatteessaan Bakka qabachuu fi Qondaaltota Waraana Darguu ajjeesuu itti fufan‼️Halli kun osoo jiruu Bakka bu'insaan Obboo Tasfaayee Waldasilaasee Waliin akkamitti Dargii biyyaa baasuu akka qaban irratti walii galaan. Projeektii Koloneel Mangistuu Dirqamsiisanii Biyyaa baasuu Kan Qopheesse Dhaabbata Basaasa ture. Hojiitti kana Hiikuu immoo Miseensoota isaani Imbaasii Keeniyaa fi obboo Tasfayee Waldasilaasee ture. Obboo Tasfaayeen Torbee Tokkoo Dursuudhan Kolonel Mangistuu waliin Leenjii waraana Bilaattee Deemnee ilaaluu qabna jedhee gaaffii dhiyeesseef. Koloneel Mangiistuun Leenjitoonni Raayyaa Ittisaa Biyyaa Bilaattee waan jiraaniif Deemanii Daawwachuun sirri akka ta'e amanan. Obboo Tasfaayeen Garuu asumaa finfinneetti hafaanii Akka Hojii Hojjataan Itti himaan. Guyyaan isaa Geenyaan koloneel Mangistuun Elekooptaraa isaanii fi Eegdota isaanii Waliin shaalaqaa tokko qabatani Gara Bilaattee imalaan. kolonel Mangiatuun Kitaaba isaanii Qabataani Elekooptara Seenan. Koloneel Mangistuun Kitaaba isaa osoo dubbisuu Bilaattee Deemuuf Kan Elekooptara kore Naayiiroobitti of argee. Balaliisaan Xiyyaaraa kan Eergamni kennameef Dirree Xiyyaara keeniyaatti Buusee. Akkuma koloneel mangistuun achii Gaheen Konkolaataan Gurraattin Imbaasii Zimbaabuwee irraa dhuftee "As seenii jetteen" Shaalaqaa fi Ajjaabiin Koloneel Mangistuu Sagala keessaa Namoonni lama Dirree Xiyyaraa sana keessatti ajeefaman. Koloneel Mangistuu Guyyaa 2 Achii bulee Gara Zimbaabuwee Balali'ee. Haala Kanaan diraamaan Hojjatamee Mangeen Biyyaa Baafame. Kana Mangeen Baqatee Bahe jedhanii Odeessuu jalqabaan. Obboo Tasfaayee W/Silaasee, Asumaa finfinneetti Qabamee hidhame. Halkaan Halkaan Obboo Mallas waliin 4 kiiloo bula. Guyyaa Guyyaa Qaallitti oola. Dhumaa urratti TPLF icciiti biyya kana Eergaa Irraa Barattee Mana Hidhaa Qaallittitti Maarfee waraantee ajjeefte. Obboo Tasfaayee Walda Silaasee Dhibee irraa Buleen du'aan jettee Oduu Hojjatte.

Dubbiin Dhugaan kana ture‼️

Bilisumma Beranu Ararsa

23/07/2021

Sirba Hacaaluu Hundeessaa waamicha bilblaa godhachuuf kan barbaaddan kooddiinsaa kanaadha.sheer gochuun waliin ga'aa.

23/07/2021

MAALOO HUNDUU DUBBISAA HIROYOOTA
KEECHANIIN GAHAA
Seenaa Kana Dubbisaa Waan Hedduu Irraa bartuu!
==============================
======
Abbaa manaaf haadha manaatu ture. Isaan
lameenuu
hiyyeessa (harka qalleessa) turan. Haati manaa isaa
guyyaa tokkos rakkadheera jettee isa rakkistee
tasuma
hin beektu ture. Gaafa tokko akka tasaa baay'ee
waan
cinqamteef, fala dhabnaan akkas jette "rifeensi koo
garmalee dheera waan ta'eef dibata baay'ee fedha.
Osoo qabaattee waan rifeensatti dibatan naaf bittee
natti tola ittiin jette". Innis baay'ee gaddee anis
taa'ee
waa'een moofawuu kophee koo yaadaan ture jedhee
yaadaan liqimfame. Dhiisi hin yaadin jaalalli nuuf
gaha
jettee tasgabbeessiteen. Ganama hirribaa ka'ee
osoma
deemu dukkaana kuusaa kophee bira gahe.
Achumaan
dukkaanichatti goree akkas jedhe ..adaraa ani
hiyyeessa, waan konkolaataan yaabee galu dhabe
karaatti rakkadhe, kopheen koo dulloomaa ta'us
narra
bitaa qarshii ta'e naaf kennaa jedheen. Isaanis tole
jedhanii qarshii kennaniifii kophicha irraa bitan.
Dukkaana biraa deemee qarshii sanaan dibata
rifeensaa
bitee miila qullaa karaa dheeraa qaxxaamuree gale.
Yeroo galu haati manaa rifeensa ishee gabaabsitee
jirti.
Maal goote rifeensa? Maal taate ani dibata ati jette
siif
bitee dhufe ittiin jedhe. Isheenis akka mana rifeensa
dubartootaa deemtee rifeensa ishee irraa kuttee
gurgurtee, kophee haaraa isaaf bittee dhufte itti
himte.
Lamaan isaaniyyuu imimmaan ta'anii hafan. Jaalalli
dhugaa kan gaafa maallaqa qaban qofaa miti,
Jaalalli
isa onnee keessatti mana ijaaree halkaniif guyyaa
taa'u.
Jaalala dhugaa nuuf haa kennu!
Yoo jaalattan "Like", "Share" godhaa.

Address

Asella

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sikkoo mandoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category