11/05/2026
Urjii Duumessi Haguuge. Waamicha Deeggarsa Yaala Ariifachiisaa.
***
Obbo, Aliyyii Leenjisoo Fi Aadde Safiyyaa Qeexii bultii woliin ijaaratanii Ilmaan erga horanii bubbulanii jiru.
Maatii jaalalaafi gammachuuti. Gaarummaa fi nageennaan faarfamu. Rakkataa rakkoo baasuun hojii idilee isaaniti.
Barri isaa Bara 1989 ture. Barri kun isaaniif bara addaa ture. Aadde Safiyyaan mataa Lamaan jirti. Addnuyaa tanaaf gurmuu dabaluuf guyyoota lakkaayataarti.
Guyyaan guyyatti wolkennee ciniinsuu eegalte. Birmannaa argachuufis Magaalaa Finfinneetti Hospitaala Maatammaa Gaandii Seente. Maatiinis Galaana Yaadaa daakuu eegalan, Turtii muraasa booda wonti hin yaaddamne tokko uumame.
Sagalee boocha daa'aaimman shamaraa Lamatu wolduraa duubaan dhagayame. Aadde Safiyyaan Daa'amman Shamaraa 2 Lakkuu deette. Aanaa Aaliin hundi ililfachuun gammachuu ibsatan
Obbo, Aliyyiinis, Daa'imman dhalatan keessaa takka Firaa'ol, isii Lammataa Maraa'ol jechuun Maqaa moggaasaniif.
Firaa'ol Isii seenaa irraa dubbataa jirru tanaadhaa. Eeyye, Firaa'ol Bara 1995 Mana Barumsa Burraayyuu Seentee Elementary hanga High school achumatti baratte. Firaa'ol barattuu qacaleedha. Sadarkaa qabachuun daree gara dareetti darbuun itti fufte.
Bara 2007 ALH Qorumsa Kutaa 12 ffaa qabxii ol'aanaa fiduun Bafa 2008 fuula isii gara Yuunivarsiitii Haromaayaatti garagalfatte.
Yuunivarsiitii Haromaayaa Kolleejjii Saayii Fayyaatti Barnoota Nurse barachuu eegalte. Turtii Yuuniversity keessatti taasifteenis oolmaa bultiin isii Library ta'uu hojjattoonni Mana Kitaabaa ragaa bayuuf.
Firaa'ol Osomaa barnoota woliin wol'aansoo bayaa jirtuu, maatii isii irraa ergaan addaa itti dhufte. Amanuus dhabdee akkamitti? jettee gaafii ofumaa of gaafatte. Garuu Intala ajaja haadhaa fi abbaa jalaa hinkaane waan taateef fala isaa argachuuf galaana yaadaa daakuu eegalte. Xumura isaa, ergaa maatii irraa itti dhufte fudhachuun, Akkuma seera Aadaatti Barsiisaa Yuunvarsiitii Arba Minchi kan ta'e Mr, Kiyaaar Jamaal Wiliin bultii ijaaratte.
Bultii ijaaratanii barachuu akka danda'anis qabatamaan namoota birootti garsiifte. Bultii ijaarachuu qofaa miti, Daa'ima isii hangafaas ni ulfoofte. Mataa lamaan jira jettee dadhabbiif osoo hinjilbiinfatin halkanii guyyaa qo'achuu itti fufte.
Daa'imaa fi qabxii ol'aanaa fiduun injifannoo dachaan gonfatte.
Firaa'ol muldhii isii hidhattee ija isii barruu barnootaa irraa osoo hin limsatin,
Ifnanaa fi dukkanni bakka wol jijjiiruun guyyaan guyyaa dhalee woggaa 4 guute.
Fi'aaol Bara 2011 tarree barattoota ciccimoo eebbifamanii keessaa tokko ta'uun qabxii ol'aanaa 3.89 fiduun beenyaa hirriba malee bulaa turtee argachuun eebbifamte.
Bara 2012 Irraa eegaltee Yuunivarsiitii Arba Minchii Kolleejjii Saayinsii Fayyaatti qacaramuun ogummaa baratteen Lammii isaa tajaajiluu eegalte.
Hojjattoota Yuuniversity Arbaa Minciitti argaman keessaas Ogeettii Urjii ta'uun mul'atte.
Firaa'ol ogummaa isiitiin osoo tajaajilaa jirtuu dhukkuba Kansarii Sombaatiin Qabamtee Hospital Xuqur Anbessaatti yaalamaa turte. Dhukkubbiif osoo hin jilbiinfatin yaala hordofaa ogummaa isiitiin dhaloota qaruu itti fufte. Garuu dhawaatumaan dhukkubbiin itti hammaataa dhufe. Saammuun Firaa'ol inni dur waan haaraya dubbisee beekkumsa qadhaabachuuf dheebotu sun waa'ee dhibee isitti hammaatee yaaduuttu fuula gara galfate.
Dr, Hospitaala Xuqur Anbassaas biyya alaa deemtee akka yaalamtuuf xalayaa deeggarsaa barreessaniif. Carraa biyya alaatti (India) yaalamuu argachuu kanaaf Fi'aaol baay'ee gammadde, garuu mallaqani wol'aansa yaalaaf gaafatamte Qarshii hanga Miiliyena 6 waan ta'eef, yaadaan Liqimfamte. Hiriyyoonni isii oduu tana dhagayuun gurmaayanii deeggarsa taasisuu eegalan. Eyye barattee hayyoomuuf, daldaltee duroomuuf furtuun Fayyaadha. Maarree obboleettii teenna hayyuu sammuu qaraa Mooraa Yunivarsitii keessatti dhaloota nuuf qaraa turte cinaa dhaabachuun haa deeggarruun dhaamsa keenna kan Obbolummaati.
Rabbiin fayyaa fi nagaya isiniif haa kennu. Obboleettii teennaas nuuf haa fayyisu!
From, Qeerransoo Gadaa. Aliyyii Leenjisoo Godaanaa
0911315938