Shaalloo Bariiso

Shaalloo Bariiso Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Shaalloo Bariiso, Awaashoi, Shashemene.

Nadhii Gammadaa(1995-1993?)."Nama biyya teenya irratti anatu siif beekaa, anatu isiin bulcha jedhu nu hin barbaannuu."Qa...
18/01/2026

Nadhii Gammadaa(1995-1993?).

"Nama biyya teenya irratti anatu siif beekaa, anatu isiin bulcha jedhu nu hin barbaannuu."

Qabsaawaa Oromoo

Jaal Nadhii Gammadaa (1955-) qabsaawaa mirga Oromoofi miseensa ABO ture. Nadhii Gammadaa bara 1993 keessa bakka buuteen isaa kan dhabame yoo ta'u du'uu ykn mana hidhaa jiraatuun isaa haga yoonatti hin mirkaneeffamne.

Seenaa Duuba👇

Nadhiin naannoo Oromiyaa aanaa Zuwaay Dugdaatti Maqaan dhalootaa isaa Qaasim H/Usmaan Roobaa jedhama. Maqaan ittiin waamamu maqaa qabsoo Nadhii Gammadaa jedhamuun beekkama. Nadhiin bara 1955 Kutaa Arsii Aanaa Zuway Dugdaa keessatti, Abbaa isaa H/Usmaan Roobaafi Haadha isaa Aadde Amiinaa Borsee irraa dhalate.
Maqaan Nadhii jedhu kun maqaa abbaa isaa kan H/Usmaan Roobaa ture. Abbaan isaa amantaa islaamaa erga baratee booda, maqaa isaa gara H/Usmaanitti jijjiirrate. Nadhiin maqaa abbaa isaa kana fudhatee Nadhi Gammadaa jedhamee waammamu jalqabe. Nadhiin obboloota dhiiraa saddeetiifi obboloota durbaa afur qaba.

Nadhiin mana barnoota sadarkaa 1ffaa irraa kaasee hanga yuunivarsiitiitti barumsaan cimaa ture. Nadhiin qormaata biyyoolessaa darbee Yuunivarsilti Finfinnee gale. Yuunivarsiitil Finfinneetti barnootaa faarmaasii baratee waggaa tokko akkuma fixeen barnoota addaan kutee qabsoo bilisummaa Oromoo geggeessuuf bara 1978 ABOtti makame, ABOtti makamee yeroo gabaabaa keessatti miseensa koree giddugaleessa ta'e.

Nadhiin bara 1993 wal ga'ii ABO irratti hirmaachuuf Waardiyoota isaa ja'a (6) wajjiin osoo gara iddoo Bookee 27 jedhamuutti deemuuu, bakka Asakoo jedhamu tan daangaa Arsiifi Harargee jidduutti argamtutti butamee, achi buuteen isaa dhabame. Nadhiin goota sammuu qaroo, kan yoo dubbatu haasawa isaa jechoota akka rasaasaatti onnee nama kutu, kan sagalee onnattummaafi kutannoon dubbatu saniin hedduu beekama. Akka namoonni tokko tokko jedhanitti Nadhii Gammadaa Maqaleetti dararaan mana hidhaatti irra gahaa jira yoo jedhan kaan immoo Nadhiin lubbuun hin jiru jedhu. kunis ragaa qabatamaan kan deggerame

  isa dhoombirn xiyyaaraa Hayilasillaasee lafaan gahe .Koloneel Aliyyii Cirrii (1921 - 2017) qabsaawota Fincila Baalee k...
18/01/2026

isa dhoombirn xiyyaaraa Hayilasillaasee lafaan gahe .

Koloneel Aliyyii Cirrii (1921 - 2017) qabsaawota Fincila Baalee keessatti loluun hirmaatanii yoo ta'u jeneraal Waaqoo Guutuu faana sirna Nafxanyaa lolaa turan.

Koloneel Aliyyii Cirrii Godina Baalee aanaa Dalloo Mannaa ganda Cirriitti bara 1921 abbaa isaa Cirrii Jaarraafi haadha isaa Badheessoo Miinaa irraa dhalate.[1] Koloneel Aliyyiin ijoollummaa isaatirraa eegalee lolaafi adamoo baay’ee jalata ture. Adamoo kanaas kan gaggeessaa ture obboleeyyan isaa Abduraamaan, Awwaluu, Usmaan, Isaaqiifi Harbisee Cirrii waliin ture.

Koloneel Aliyyiin haadha warraa afurirraa ijoollee 25 horateera. Aliyyiin akkaataa itti maatii horate yoo dubbatu "Ilmaan teenyayyuu osoo qabsoorra jirruu bosonuma keessatti horre, yeroon nuti loon horsiifannee dikee jalaa harre hin jiru. Humnaafi yeroo keenya bosona seennee qawwee diinarratti dhukaasaa turre."

Abbaan isaa Cirrii Jaarraa loltuu cimaa sirna naafxanyaa waliin yeroo dheeraa waraana geggeessaa ture yoo ta'u, haaloo ilmaan Oromoo lubbuun isaanii darbe gumaa baasaa ture. Qabsoo isaanitiin, Cirriin garee waraana shaambaal Baqqalaan hoogganamu waliin Sannateetti wal waraanuun shaambaal Baqqalaa ajjeesun loltoota isaa hedduus barbadeessuun injifannoo argataniru. Mootummaan Hayilasillaasee loltootni isaa dhumachuu erga dhaga’ee booda hoomaa waraanaa baay’ee erguun abbaan Aliyyii Cirriin akka qabamu godhe. Erga qabameen booda mana hidhaa Gobbaatti hidhame. Waggaa shaniif achuma Gobbaatti mana hidhaa keessaas ture.

Waggaa shan booda, qaamni mootummaa Hayilasillaasee, umurii guutuu hidhamuurra gumaa nama ajjeestee kanfalii ba’i jedheen. Cirriinis, qabsoon waan itti urgaa'ef kaffalee ba’e. Erga hiikkamee, Madda Walaabutti deebi’ee galuunis maatii isaa fi ijoollen isaa maalirra akka jiran erga hubatee booda Aliyyii Cirrii, Awwaluu Cirrii, Abduramaan Cirrii, Usmaan Cirrii, Isaaq Cirrii fi Harbisee Cirriin waraana akka baran taasise.

Gujii...Lafa Uumaan Badhaase Gujii Dhufanii Wonni Dhabanu Tokkolle Hin Jiru!:::Gujii
18/01/2026

Gujii...
Lafa Uumaan Badhaase
Gujii Dhufanii Wonni Dhabanu Tokkolle Hin Jiru!
:
:
:
Gujii

Weellisaa Girmaa Kaasaa nagaan boqadhu😭Weellisaa Girmaa Kaasaa guyyaa kaleessaa Shaggar kutaa magaalaa Furii Hiriyaa hot...
29/12/2025

Weellisaa Girmaa Kaasaa nagaan boqadhu😭

Weellisaa Girmaa Kaasaa guyyaa kaleessaa Shaggar kutaa magaalaa Furii Hiriyaa hoteel keessatti galaafatamuutu dubbatamaa jira. Weellisaan kuni walleewwan A/Oromoo dhageettiif tolan hojjechaa kan tureefi sichis hojii aartii jabeessuuf nama hamilee qabu ture. garuu waan silaa hojjechuu qaburraa hanqifame.

Weellisaa ol adeemaan kuni walleewwan bareedoo kanneen gurra ummataan gahee ture!

●Imalli
●Kush Africa
●Hawwayyummaa fi kan biroo hojjetee ture!

sababa ajjeefamuu weellisaa kanaa ammaaf gadi fageenyaan beekuu baannus harka namaatiin akka galaafatame waahillan isaa ni dubbatu.

Akkamittuu taatus, bakkamittuu taatus duuti waan irraa hafanii miti. silaa kichuu akkasii daftee itti dhufuu baattee wayya ture. egaa homaa gochuun hin danda'amu.

Maatii fi firoottan Girmaa dabalatee jaalattoonnii fi hiriyoonni isaa hundi jajjabina isiniif haa kennu!

15/06/2024
11/01/2024

OMN miidiya ummata miiliyoona 60 olii ta'ee sababa hanqina mallaqaatiin cufamuun salphina guddaadha jedhan dhalattoonni Oromoo kutaalee addunyaa garaagaraa jiran.

OMN torbee miseensota horachuu fi sabiskiraabaroota Yuutuubii isaa baay'ifachuutti jira.

Torbee miseensota horachuu fi sabiskiraabaroota Yuutuubii isaa baay'ifachuu OMN adeemsisaa jiru waliin walqabatee tamsaasa kallattii kaleessa adeemsifame irratti Ameerikaa Oohaayuutii kan hirmaatan Aaddee Sa'aadaa Xahaa OMNf miseensa taanee dhaabbiin gargaaruun, qabsoo Oromoo gargaaruudha jedhan.

Chaanaalii Yuutuubii OMN sabiskiraab gochuun hojiilee OMN guyyaa guyyaadhaan sheerii fi laayik gochuunillee gargaarsa jedhan.

Karaa kamiinuu taanaan miidiyaa kana gargaaruuf qophii ta'uu Aaddee Sa'aadaa Xahaa himaniiru.

Biyya Kanaadaa magaalaa Toroontoo kan jiraatan Obbo Raayyaa Caalaa gama isaaniitiin hojiilee boonsaa OMN ammaan dura hojjataa ture galateeffatanii, OMN qabeenya keenya waan ta'eef miseensa ta'uun tikfachuu qabna jedhaniiru.

Obbo Raayyaa kan jedhan Oromoonni biyya Kanaadaa jiran gurmaa'anii dhimma kana irratti hojjiitti akka seenaa jiran himan.

Namoonni dhageettii, dandeetti fi qabeenya qaban dhimma kana irratti walitti qabamanii hojjachuun miidiyaa kanaaf deeggarsa akka godhan dhaamaniiru.

Hegereen OMN dhaabbataadhaa akka abdachiisaa ta'ee gara miseensummaa kanaan madda galii mataasaa qabatee itti fufuu qaba jechuun obbo Raayyaan dubbataniiru.

Akka duraaniitti waggaa waggaan fandireeyiziingii osoo hintaane lakkoofsa yabbuudhaan miseensa taanee OMN hanqina diinagdee keessaa baasuun salphaa ta'uu obbo Raayyaa Caalaa himaniiru.

Oromoon lafa jiru hundatti gurmaa'ee miseensa OMN ta'uun, miidiyaa kana utubuun salphaa ta'uu keessummoonni irra deddeebiin dubbataniiru.

Address

Awaashoi
Shashemene

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Shaalloo Bariiso posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share